MM Dr Abiy daawwannaa isaanii Eertiraa xumuruun gara biyyaa deebi’aniiru

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) –Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa isaanii Eertiraa xumuruun gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Jilli muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii isaa Eertiraa guyyootii lamaa xumuruun kaleessa galgala gara biyyaa deebi’eera.
 
Daawwannichi hariiroon nageenyaa fi ollummaan gaarii biyyoota lamaanii ega haaromee waggaa lamaan booda kan taasifamedha.
 
Dooktar Abiyyii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin dhimmoota hariiroo biyyoota isaanii, proojaktoota misoomaa fi naannoorratti mari’ataniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment