MM Dr. Abiy COVID-19 dhiibbaa hamaa diinagdee keenya irraan ga’u ittisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuutu mala jedhan

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC)- Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad COVID-19 dhiibbaa hamaa diinagdee keenya irraan ga’u ittisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuutu mala jedhan.

Dooktar Abiy wabii hojii hojjettootaa eegsisuuf haala fulla’ina qabuun galiin akka addaan hin cinne gochuu, hojimaata kutaalee hawaasaa baay’ee saaxilamaa ta’an gahuu dandeessisan babal’isuu, sirna bittaa fi gurgurtaa dhiyeessii bu’uraa tasgabbeessuu, akkasumas dameewwan hoomishtoota ta’aniif deeggarsa gochuu barbaachisa ta’uu ibsaniiru.

Wabii nyaataa keenyaaf oomishtummaa damee qonnaa mirkaneessuun murteessaadha.

Hanqinni dhiyeessii kamiiyyuu akka hin uumamne dhiyeessiin xaa’oo, sanyii filatamaa akkasumas kan qoricha farra ilbiisotaa utuu addaan hin citiin kan itti fufu ta’a jedhan.

Haalota laafina damee diinagdee dheeressuu danda’an keessaa tokko tarkaanfii fayyaa hawaasaa walsimaa ta’e fudhachuu dhabuudha.

Diinagdee keenya tasgabbeessuuf jecha damee wal’aansaa irratti maallaqa olaanaa baasuudhaan tarkaanfii ittisaa walsimaa fudhachuu keenya itti fufna jechuun toora Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment