MM Dr. Abiy Chaansilara Jarman Angeelaa Maarkeel waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 3, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad Chaansilara Jarman Angeelaa Maarkeel waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Mariin isaaniis weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi tamsa’ina isaa irratti kan xiyyeefatedha.

Dooktar Abiy marichaan yeroo qormaata kanatti Jarman Ityoophiyaa waliin dhaabbachuun murannoo fi deeggarsa ishee dinqisifataniiru.

Jarmaanis deeggarsa meeshaalee vaayrasii koroonaaf oolan taasisteefis galateeffataniiru.

Dabalataniis Chaansilara Jarman Angeelaa Maarkeel, dhimma hidha guddicha Haaromsaa irratti qaamolee hundi waliigaltee irraa gahuuf tattaffii taasifamu akka deeggartu ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment