MM Dr. Abiy Bishooftuutti buufata biqiltuun itti qophaa’a jiru daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 9, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad Bishooftuutti buufata biqiltuun itti qophaa’a jiru daawwataniiru.

Doktaar Abiy Fuula Feesbuukii isaanirratti akka beeksisanitti, qophii ganna dhufuuf ashaaraa magariisaa kaa’uuf biqiltuuwwan biiliyoona 5 qophaa’a jiran daawwachuu ibsaniiru.

Teeknooloojii Pirisiishiniitti fayyadamuudhaan raawwiin hamma ammaatti jirus kan dinqisiifatamudha jedhan.

Akkasumaas Ityoophiyaa misooma magariisaan uwwiisuuf ni deeggaras jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment