MM Dr. Abiy Barreessa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Dooktar Abiy Ahimad Barreessa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin bilbilaan mari’atan.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Barreessa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez waliin bilbilaan mari’atan.

Marii isaaniin haala weerara vaayrasi koroonaa ittisuun danda’amurratti mari’achuun toora fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru

Dooktar Abiy Barreessa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez qormaata weerarichi qaqqabsiisu ittisuuf tarkaanfiin fudhatan ajaa’ibsiisadha jedhaniiru.

Utubaawwan shanan deebii hawaasummaa fi dinagdeef kennuuf qabatan, hojiilee duraa Ityoophiyaan adda baafteen kan walsimanidha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment