MM Dr. Abiy Ahimad qaamaa miidhamtoota waraanaa waliin Ayyaana Faasikaa kabajan

Finfinnee, Eebila 11, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad qaamaa miidhamtoota waraanaa waliin Ayyaana Faasikaa kabajan.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimadii fi miseensoonni kaabinee qaamaa miidhamtoota waraanaa waliin Ayyaana Faasikaa kabajaniiru.

Dooktar Abiy ayyaannicha kan kabajan magaalaa Finfinnee naannoo Lidataatti kan argamu giddugala geeddaramuttidha.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy wayita daawwanaa taasisanitti erga dabarsaniin ayyaana faasikaa warren olmaa biyyaa ta’an miidhamtoota waraanaa waliin kabajuu koof gammadeera jedhan.

Akka Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaasetti; miseensoonni kaabinee ayyaanicha ilaalchisuun giddugalichaaf qaama miidhamtoota waraanaaf kennaa hoolaa arjoomaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment