MM Dr. Abiy Ahimad Proojaktii Gannaalee Daawwaa III ebbisiisan

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Sirni eebbaa Proojaktii Gannaalee Daawwaa III guyyaa har’aa bakka Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Sirna eebbaa kanarratti haasaa kan taasisaan Doooktar Abiy Ahimad jalqaba bara kanaa kan jalqabe ni xumursiifna rivaanii kutna malee abdii hin kutnu jennee akkuma eegalle, ammas milkaa’inaan hojii misoomaa hojjechaa jirra jedhaniiru.

Proojaktiin kun faayida hawaasa naannoo kanarra darbee biyyaaf bu’aa guddaa qaba jedhaniiru.

Kana gaafa jennu bishaan ammoo faayidaa hedduu qaba. Akkasumaas bishaan waan hin fayyadne hin qabu jedhaniiru.

Akka biyyaatti ammoo inaarjiin barbaachisaadha, kanaaf proojaktii kana hojjechiifne jedhan.

Proojaktii Gannaalee Daawwaa III eebbifamuu kan qabu har’a hin ture. Haata’utii garuu fuulduratti Proojaktii Gannaalee Daawwaa VI akkamiin ijaarsisuu qabna kan jedhurratti xiyyeeffachuu nurra jira jedhaniiru.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaa damee kanarratti hojjechuu barbaadaaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Misooma waliin gara badhaadhinatti akka ceenuuf abdii qaban himaniiru.

Itti dabaluunis, Jeneraal Waaqoo Guutuu biyya isaa misoomsuuf qabsoo hadhooftuu gaggeesse jira. Haata’uuti har’ammoo ilmaan isaa misooma Jeneraal Waaqoo Guutuu hawwaa ture san milkeessuf hojjechaa jiru jedhan.

Kana ammoo caalumatti milkeessuf tokkumaa, tasgabbii fi waldhaga’uun nu barbaachisaa jedhaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Ministirri Bishaan, jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa dhiyeessi humna elektirikaa waliin ga’uuf mootumaan xiyyeeffannoo itti kennee hojjechaa jira jedhan.

Kanaaf fedhii hawaasa keenyaa guutuuf hojjechus himaniiru.

Ityoophiyaan yeroo ammaa kana Meeggaa waatii kuma 4 fi 400 oomishaa kan jirtu ta’uu kaasuun, fuulduratti hidha haaromsa fi kooyshaan dabalatee meeggaa waatii kuma 7 fi 300 oomishuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Proojaktiin Gannaalee Daawwaa humna ibsaa Meeggaa Waattii 254 Maddisisuu danda’a jedhameera.

Ijaarsi isaa bara 2003 kan eegalame yoo ta’u, Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 51 baasii itti ta’eera.

Hidhaan hojjetame bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 2.6 akka qabatu ibsameera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment