MM Dr Abiy Ahimad, muummee ministiraa Swiidiin waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, muummee ministiraa Swiidiin Steefan Loovaan waliin weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti bilbilaan mari’atan.
 
Sochii Ityoophiyaa fi biyyoonni naannolee vaayrasicha ittisuuf taasisaa jiranirratti mari’ataniiru.
 
Yeroo rakkoo akkanaatti addunyaan waltumsuun furmaata waaraaf waliin hojjechuu akka qabdus mari’ataniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Swiidiin Ityoophiyaa waliin dhaabachuu isheetif kan dinqisiifatan ta’uu ibsuun, galateeffataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment