MM Dr Abiy Ahimad muudama addaddaa laatan

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad muudama addaddaa laatan.
Haaluma kanaan;
– Dooktar Qana’aa Yaadataa; ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa FDRI,
– Dooktar Geedeyoon Ximootewoos, Abbaa Alangee Waliigalaa Federaalaa,
– Dooktar Saamu’eel Hurkaatoo, ministira Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo,
– Injiinar Taakkalaa Uumaa, ministira Ministeera Albuudaa fi Boba’aa,
– Obbo Tasfaayee Dhaabaa, itti aanaa Abbaa Alangee Waliigalaa Federaalaa,
– Yohaannis Bwaayaalaw, daayreektara olaanaa Inistiitiyuutii Qorannaa Tarsiimoo Qunnamtii Alaa,
– Obbo Nigusuu Xilaahuun, koomiishinara Koomiishinii Carraa Hojii Uumuu,
– Injiinar Indaawwaq Abbitee, itti aanaa daayreektara Koorporeeshinii Injiinariingii Sibiilotaa,
– Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, itti aanaa Abbaa Alangee Waliigalaa Federaalaa,
– Proofeesar Hiiruut W/maariyaam, sadarkaa ministiraatti gorsaa muummee ministiraa damee hawaasummaa ta’uun muudamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment