MM Dr Abiy Ahimad Ityoophiyaanota Maalaawiirraa gara Moozaambiik osoo imalanuu lubbuu isaanii dhabaniif gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaanota Maalaawiirraa gara Moozaambiik osoo imalanuu lubbuu isaanii dhabaniif gadda itti dhaga’ame ibsan.

Ityoophiyaanonni kanneen konkolaataa fe’umsaatin imalaa turaniiru.

Muummee ministiraatis lammiilee lubbuu isaanii dhabaniif gaddi isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Eenyummaa lammiilee lubbuu isaanii dhabanii Ministeerri Dhimma Alaa fi Afrikaa Kibbaatti Imbaasiin Ityoophiyaa adda baasaa jiru.

Hawaasni Ityoophiyaa Moozaambiikis dhimmicha hordofaa jiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment