MM Dr. Abiy Ahimad hoogantoota godinaalee naannoo Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012(FBC)- Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad hoogantoota godinaalee naannoo Kibbaa waliin mari’atan.

Dooktar Abiy Ahimad naannoon Sabaa fi Sablammoota Kibbaa hawwattoota uumamaa fi aadaatiin kan dhangi’amedha jedhaniiru.

Cimina kanatti fayyadamuuf waliin yoo hojjenne, naannichi wiirtuu misoomaa kanbiroof irraa hafuu danda’u akka ta’u yeroo mara kaasuu himaniiru.

Waggoota lamaan darbanitti gara naannichaa irra deddeebi’n deemudhaan dhimmoota misooma hawaasaatiif baay’ee barbaachisan hawaasa naannicharraa dhaga’uus ibsaniiru.

Dooktar Abiy fedhiiwwan bu’uraa hunda al tokkotti guutuudhaaf kan hin danda’amne ta’us, yeroo kanatti hojileen ijoo misooma bu’uraa, invastimeentiifi isaan walqabatan hojjetamaniiru jedhan.

Marii har’a hoogantoota godinaalee naannichaa waliin goodhaniin, Naannoo Kibbaatti guddinni fuula danuu qabuufi nagaan akka jiraatu, qajeeltoo caasaa bulchiinsa dursa kenninii ilaaluun barbaachisaa akka ta’e waliigalluu eeraniiru.

Marii kana irratti dhimmoonni kanbiroon gadifageenyaan ilaalamuu qabanis ka’aniiru jedhan.

Dhimmoonni kunneen caalaatti akka gabbataniif deebi’anii akka irratti marii’ataan waliigaluu fuula Feesbukii isaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment