Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa paartilee siyaasaa waliin mari’atan.
Weerara vaayrasii koroonaa ofirraa qolachuu kan dandeenyu akka raayyaa ittistuutti waliin yoo hojjenne jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa hoggansa paartilee siyaasaa addaddaa waliin mari’ataniiru.
Weerara vaayrasichaa ittisuuf tarkaanfiiwwan dabalataa fudhatamuu qabanirratti mari’ataniiru.