MM Dr Abiy Ahimad duula qulqullinaarratti hirmaatan

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Muummee Ministirra Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun duula qulqullina irratti hirmaatan.

Duula qulqullinaa kanarratti Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkala Uumaa dabalate hoggantoonnii Paartii Badhaadhinaa argamaniiru.

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Finfinneetti argaman guyyoota darbaniif leenjirra turuun isaanii ni yaadatama.

Mata duree “yaada balfaa fi balfa magaalakoorra nan qulqulleessa” jedhuun duula qulqullinaa gaggeeffamerrattii fi kunuunsa biqilturratti hoggantoonni kuma 4 ol hirmaataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment