MM Dr. Abiy Ahimad dhalattoota Tigraay miseensa paartii Badhaadhinaa waliin mari’ataniiru

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad jijjiramaan booddee naannoo garagararraa yakkaan shakkamanii kan to’anno seera jala jiran dirree siyaasaa bal’isuuf jecha dhimmi isaanii seeraan ilaalamee akka gad-lakkifamaniif kallattiin kaa’amuu ibsan.

Muummeen ministira Dooktar Abiy dhalattoota Tigraay miseensa paartii Badhaadhinaa waliin mari’ataniiru.

Bakka buutoonni paartii Badhaadhinaa naannoo Tigraay to’atamuu anga’oota siivilii fi raayyaa ittisaa dhalattoota Tigraay waliin walqabatee gaaffii dhiyeessaniiru.

Miseensoonni kunneen jijjiirama booddee hogganttoonni hedduun naannoolee hundarraa to’atamuu eeruun baayyeedha kan jedhan garuu dhalattoota Tigraay ta’uun gama ummataan komii kaaseera jedhan.

Namoonni to’ataman yakka hojjetaniiru yookiis hin hojjenne kan jedhu dhimma mana murtii ta’uu otuu hin dagatiin nageenyaa fi tasgabbii ummataaf jedhamee lammiilee jijjiiramaan booddee to’ataman kunneen himanni isaanii akka adda cituu fi dhimmicha araaraa fi dhifaaman akka ilaalamu eeraniiru.

Dabalataanis, gama diinagdeen Tigraayiin diinagdeen miidhuuf hojjetamaa jira yaadni jedhu bal’achaa fi humni jijjiiramaa farra Tigraay ta’ee akka ilaalamu hojii hedduun hojjetamaa jiraachuu Muummee ministira Dooktar Abiyiin ibsa gaafataniiru.

Waltajjii kanarratti Prees Sakreetaariyaatiin Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun gama isaaniin gaaffii naannoo Amaaraa waliin walqabatu kaasaniin waqtichi yeroo jijjiirama ta’uun naannichatti lammiilee to’annoo jala jiran dhimmi isaanii garaa baldhinaan akka ilaalamu kaasaniiru.

Lammiilen walitti bu’insa Bahiir Daar, Bulchiinsa Godina Oromoo fi naannoo biroorra shakkamanii to’ataman dhimmi isaani seeraan ilaalamee dhiifamni akka ta’uuf guddina biyyaaleessaa faayida qaba jedhaniiru.

Dooktar Abiy deebii isaaniin jijjiiramaan booda walitti bu’iinsa naannoo garagaraatti uumaamee fi yakkoota malaammaltummaa jijjiirama dura raawwatan waliin walqabatee lamiileen to’annoo jala oolaan dirree siyaasaa bal’isuuf jecha dhimmi isaanii seeraan ilaalamee akka gad lakkifamaniif kallattiin kaa’ameera jedhan.

Namoonnii to’annoo seeraa jala jiran naannoolee hundarratti waan argamaniif yakkamaa saba waliin wal qabsiisuun biyya ni miidha jedhan.

Namoota to’atamaan kana hiiksisuun adeemsa seeraan ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Lammiileen kutaa biyyatti hundarra to’ataman dhimmi isaanii ilaalamuun akka gad lakkifaman kallattin kaa’amuu himaniiru.

Gaaffii dhimma diinagdee waliin walqabtee ka’eef bara kana naannoo Tigraayiif baajatni Birrii biiliyoona 8.2 akka qabamee fi hojii misoomaa raawwachiisuuf Birriin miiliyoona 400 ramadamuu ibsaniiru.

Mootummaan yeroo ammaa kana raayyaa ittisaa lakkofsaan baayyee fi baajata kan ramadu naannoo Tigraayiif ta’uu himaniiru.

Kallattii kamiinuu miidhaan alaa naannicharra akka hin jirre mirkaneessaniiru.

Naannoo kamiyyu kan miidhu humni alaa fi keessa hin jiru, kana yoo ta’eef garuu miidhichi kan Ityoophiyaati jedhaniiru muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad.

Alaazar Taaddaleetu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment