MM Dr Abiy Ahimad daawwii isaanii Jibuutii xumuruudhan deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwii isaanii Jibuutii xumuruudhan deebi’an.
 
Jilli hoggansa olaanoo mootummaa FDRI muummee ministiraatin duurfamu marii Soomaaliyaa fi Soomaalii Land irratti hirmaachuun, daawwii isaa xumuruun gara biyyaa deebi’eera
 
Muummee ministiraa kaleessa ture marichaaf gara Jibuutii kan imalan.
 
Marichi qaama marii fooyyessa hariiroo Soomaaliyaa fi Soomaalii Laand kanaan dura qopheessummaa muummee ministiraatin Gurraandhala 2012 darbe Finfinneetti gaggeeffameeti.
 
Maricharratti muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee, preezdaantiin Jibuutii Ismaa’eel Oomar Giillee, preezdaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo, preezdaantiin Soomaalii Land Muusaa Bihii fi barreessaa olaanaan Mootummoota Misomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinah Gabayyoon argamaniiru.
 
Dooktar Abiy marichi qaama hojii Gaanfa Afrikaatti nagaa buusuu akka ta’e ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment