MM Dr Abiy Ahimad baga ayyaana injifannoo Kaarraamaarratiin ittiin isin ga’e jedhan

Finfinnee, Guurrandhala 26, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad baga ayyaana injifannoo Kaarraamaarraan ittiin isin ga’e jedhan.

Ayyaanni injifannoo Kaarraamaarraa yaadatamee oolera.

Kaarraamaarraan injifannoo weerartuun Soomaaliyaa Zayid Baarreen duurfamu, kan itti qaana’edha.

Weerarri Soomaaliyaa 1967, Ityoophiyaan warraaqsa keessaa osoo hin ba’in, yeroo walitti bu’iinsarra turtetti kan mudatedha jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ergaa isaanitiin.

Akkuma weerartoota kaanii Zayid Baarreenis dogoggoree Ityoophiyaa weeraruudhan, dhumarra injifatamee qaana’ee gale jedhan.

Yeroo sanatti Ityoophiyaanonni leenjii ga’aa dhabanis jaalala biyyaatin weerartuu qaanessaniiru jedhan muummee ministiraa.

Walabummaa biyyaa kabachiisuuf aarsaan bara mootummaa kamuu keessa kaffalamu kan Ityoophiyaanotaati; seenaa, wareegamaa fi injifannoo walootis jedhan.

Qaawwi keessoo diina alaa waan affeeruf, waljabeeffannee waliin yaa dhaabbannu jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Wareegamicharrattis loltoonni Kuubaa fi Yaman aarsaa Ityoophiyaanota cinaa dhaabbachuudhan kaffalaniif seenaan isaanii yaadatamaa jiraata jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment