MM Dooktar Abiy Yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti haasawaa ni taasisu

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaa har’aa eegalurratti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haasawaa ni taasisu.
 
Yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramuuf Itiyoophiyaan qophii bal’aa taasisuu Ministir Deetaan Tajaajila Komiikeeshinii Saklaamaawit Kaasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin eeraniiru.
Ibsa isaaniin, Gamtichi yaa’ii isaa kanaan Ajandaa 2063 bocame keessatti Ajandaalee barnootaa, saayinsii fi innooveesshiniirratti xiyyeeffachuun hojiilee hanga ammaa hojjetamanii fi gufuulee mudatanirratti Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat haasawaa taasisuun kan eegamudha jedhan.
 
Dabalataan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ajandaa yaa’ichaa baranaa Barnootaa bu’uureffachuun fooyya’iinsa damee barnootaan Itiyoophiyaan taasistee fi cabiinsaa damichaan Itiyoophiyaa mudate suphuuf hojiilee hojjetaaman irratti haasawaa ni taasisuun kan eegamu ta’uu dubbataniiru.
 
Haaluma kanaan Yaa’ichaan cinaatti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakiir akkasuma Pireezidaantii Zimbaabuwee Emersan Minangaagwaa waliin marii gamlamee taasisuu ibsaniiru.
 
Dabalataan Pireezidaantii Giruuppii Baankii Misoomaa Afrikaa waliin marichaa yaadachiisaniiru.
 
Yaa’ichi Itiyoophiyaatti gaggeeffamuun Itiyoophiyaaf hariiroo gamlamee cimsuu fi mariiwwaan cinaa garaagaraa gaggeessuuf faayidaa olaanaa akka qabu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment