MM Dooktar Abiy hundeeffamuu mootummaa waloo Sudaan Kibbaatti gammachuu itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad mootummaan Sudaan Kibbaa morkattoota waliin mootummaa waloo hundessuu isaaniif gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Preezdaant Saalvaa Kiir fi morkataan isaanii Dooktar Riik Maachaar mootummaa waloo biyyaalessaa hundeessaniiru.

Haaluma kanaan Saalvaa Kiir preezdaantii mootummaa yeroo ce’umsaa yoo ta’an, Dooktar Riik Maachaar ammoo itti aanaa preezdaantii ta’aniiru.

Muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hundeeffamuu mootummaa ce’umsaa biyyattiif gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Waliigalteen kun biyyaattiif bu’uura guddaa ta’uu ergaa isaaniin ibsaniiru.

Bu’aan argame Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaatif (IGAD) gammachuu olaanaadha jedhan Dooktar Abiy.

Mootummaan Ityoophiyaa ummata Sudaanii fi mootummaa ce’umsaaf akkuma kanaan duraa deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

 

Comments (0)
Add Comment