MM Dooktar Abiy Gootota Leeniin Giraadiif ilillii kaa’an

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad siidaa yaadannoo wareegamtoota Waraanaa Addunyaa 2ffaa gootota Leeniin Giraadiif ilillii kaa’aniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii Dureewwan Raashiyaa-Afrikaa irratti hirmaachuuf Raashiyaa Magaalaa Peetisbargi galaniiru.

Magaalaa Peetisbargiin wayita ga’anitti yaadannoo goototaa leeniin giraadiif iliilii kaa’uu ragaan waajjira muummee ministiraarraa argame ni mul’isa.

Yaa’iin Raashiyaa-Afrikaa mata duree “Nageenyaaf tasgabbii fi Misoomaaf” jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u walta’iinsaa Raashiyaa-Afrikaa guddisuu fi birmadummaa mootummoota biyyoota Afrikaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Yaa’ichaan cinaattis fooramiiwwan dhimmoota diinagdee fi namoomaa Raashiyaa fi Afrikaarratti xiyyeeffatan ni gaggeeffamu jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment