MM Dooktar Abiy Ahimad Miseensa Maatii Moototaa Ingiliz waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Miseensa Maatii Moototaa Ingiliz Soofii Heelen Raayis Joonsan waliin mari’ataniiru.

Miseensi Maatii Moototaa Ingiliz Soofii Heelen Raayis Joonsan Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa jiru.

Haaluma kanaan Dooktar Abiy, Soofii Heelen Raayis Joonsan waliin dhimmoota misooma garaagaraarratti mari’achuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Biyyi isaaniis deeggarsa tola ooltummaa taasisaniif dinqisiifannaa olaanaa kan qaban ta’uu Dooktar Abiy eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment