MM Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Jaappaan waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Jaappaan Haayaashii Yoshiimaasaan waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Haayaashii Yoshiimaasaan waliin mari’achuu himaniiru.

Ityoophiyaan Jaappaan waliin hariiroo qabduuf bakka olaanaa kan kennitu ta’uus beeksisaniiru.

Biyyoonni lameen dhimmoota waloorratti walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Ityoophiyaan invastimantiiwwan qonnaa, indaastirii, teeknooloojii, albuudaa fi tuuriizimii cimsuu akkasumas hariiroo daldalaa jabeessuun barbaachisaa ta’uurratti mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimadii fi Haayaashii Yoshiimaasaan marii isaaniin boodas Paarkii Tokkummaa keessa biqiltuu dhaabaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment