MM Dooktar Abiy Ahimad daawwannaaf Naannoo Afaar galan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojiilee misooma garaagaraaf Naannoo Afaar galaniiru.

Jillii Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu daawwannaa taasisuun hojiilee misoomaa gamaaggamuu fi misooma qamadii Bonaa jalqabsiisuuf naannichatti argamaniiru.

Naannicha Aanaa Dubtiitti lafa hektaara kuma 8 irra qamadii misoomsuuf qophiin taasifamuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Bara baajata kanatti sadarkaa biyyaalessaatti lafa hektaara miiliyoona 3 ol irra qamadii misoomsuuf karoorfamuun eerameera.

Naannoo Afaar yeroo ammaa oomishtummaa qonnaa biyyaalessaan keessatti oomisha qamadiin, jirbii fi muuziin gumaachi taasisaa jiru dabalaa dhufuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment