MM Abiy preezdaant Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi Preezdaant Mahaammad Abdulaahii waliin mari’aatan

 

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad preezdaant Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi Preezdaant Mahaammad Abdulaahii waliin mari’aatan.

Marichi magaalaa Asmaraatti adeemsifaamaa jira.

Marii sadeenirratti dhimmota ijoo biyyootaa isaanii fi dhimmoota ganfaa Afrikaarratti akka mari’ataan ragaan waajjiira muummee ministiraa irraa argame ni mul’dhisa.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggaantoota biyyoota lameenii waliin marii sadeenii taasisuuf guyyaa kalessaa Asmaraa galuun isaanii ni yaadatama.

Preezdantii Soomaliyaa Mahaammad Abdulaahii Mahaammad maricha irratti hirmaachuuf guyyaa har’aa magaalaa Asmaraa galaniiru.

Ityoophiyaa, Ertiiraa fi Soomaliyaan walii galtee hariiroo sadeenii kan cimsuu baatii phaagumee 2010 Asmaaratti waliif mallatessuun isaanii ni yaadatama.

Walii galtichiis muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, preezdaantii Ertiraa Isaayyas Afawarqii fi preezdantii Soomaliyaa Maahammad Abdillaayii ta’uun kan waliif mallateessaan.

Waltumsiichi wali galtee biyyootaa sadeenii dameewwaan dinagdee, hawwasummaa fi siyaasaa irratti waltumsaan akka hojjeetaan kan taasisuu ta’u wayita sana ibsamee ture.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment