Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad mariin bilbilaa preezdantii Ameerikaa Joo Baayidaan waliin taasisaaniin damee dippiloomaasiitin fooyya’insii jiraachuun agarsiistuudha jechuun Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa laataniin mariin aangaa’oonni lameen taasisaan, hariiroon kanan dura turee jijjiirramaa jiraachuuf agarsiistuudha jedhan.
Muummeen Ministira duula olaantummaa seeraa kabachiisuurratti ibsa akka laataanii fi qabiinsa mirga namoomaa, deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fi iddoowwan waraanaa miidhaan irra ga’ee deebisanii dhaabuun wal qabsiisee marii taasisuus himaniiru.
Akkasumas dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Kanaanis babaldhinii dippilomaasii siyaasaa jijjiirramaa jiruu muula’ateera jedhan.
Gama tokkoon balaa birmaddummaa hambisuuf duula taasifameen injifannoo argamee, gama biraatin ammoo waliigaltee uumuuf aademsa eegalameera jedhan.
Habtaamu Taklasillaaseetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.