MM Abiy boqachuu Phaaphaasii fi qabsaa’aa farra Apaartaayidii Deezmoond Tuuttuuf gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad boqachuu Phaaphaasii fi qabsaa’aa farra Apaartaayidii Deezmoond Tuuttuuf gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Qabsaa’aan farra Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa fi abbaan Amantaa Deezmoondi Tuuttuu du’an addunyaa kana irraa boqochuun isaanii kan yaadatamuudha.

Deezmoondii Tuutuu lammiilee Afrikaa Kibbaa farra Appartaayiidi kuffiisuuf kanneen qabsaahan keessaa isaan tokkoodha.

Phaaphaas, Deezmoondiin tajaajila Afuuraa kennan dabalataan sadarkaa Idil adduunyarraatti kan beekaman yoo ta’uu umurii isaanii waggaa 90 tti lubbuun isaanii darbeera.

Qabsoo sirna Appaartaayidii Afrikaa Kibbaatti gaggeessaa turaniin Deezmoondii bara Faranjootaa 1984 Badhaasaa Noobeelii nageenyaa argataniiru.

Afrikaa Kibbaa fi guutuu addunyaatti dinqisiifattootaa fi beekkamtii hedduu horataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergaa gaddaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin mootummaa fi ummata Afrikaa Kibbaaf jajjabana hawwaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment