MM Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hojiilee misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hojiilee misoomaa namaarratti xiyyeeffachuun magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru daawwataniiru.

Jilli kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qirqoositti hojii qonna magaalaa fi kenna tajaajilaa fooyyessuuf hojjetamaa jiru daawwateera.

Hojii Inisheetiivii qonna magaalaa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad eegalchiisan ‘’nyaata koo boroo kootti’ jedhuun hojii kutaa magaalichaa keessatti hojjetamaa jiru kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen daawwachiisuu ragaan Waajjira Kaantibaarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment