MM Abiy Ahimad yaadama kaka’umsa Paan Afrikaaniizimiin irra deebiin labse bu’uuressuun barbaachisaa ta’uu ibsan

Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Yaadama kaka’umsa Paan Afrikaaniizimiin irra deebiin labse bu’uuressuun barbaachisaa ta’uu Muummeen Ministraa FDRI Abiy Ahimad ibsan

Fooramiin Paan Afrikaaniizimii jalqabaa mata duree “Addunyaa jijijjiiramaa keessatti kaka’umsa Paan Afriikaaniizimii bu’uuressuu” jedhun Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Fooramicharratti haasawaa kan taasisan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, hojiileen Paan Afrikaaniizimii irratti hojjetamaa jiraan gahaa akka hintaanee fi akka Ardiittis warraaqsa Paan Afrikaaniizimii uumuun jijjiirama fiduun murteessaa ta’uu akeekaniiru.

Dhaabbanni Pireesii Ityoophiyaa akka gabaasetti Fooramiin Paan Afrikaaniizimii yaadama Paan Afrikaaniizimii gabbisuun, sirna hunda galeessaan Afrikaa ijaaruuf faayidaa olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Akkaadaamichis yaad deebii imaammataa fi qorannoo dhiyeessuun, hoggantoota ga’oo horachuuf yaadamee kan hundeeffame akka ta’ee fi kaayyoo kanas milkeessuuf hojjechaa jiraachuun eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment