Finfinnee, Amajjii 24, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin mari’ataniiru.
Hoggantoonni lameen waltajjii Naannawaa Baha Afrikaa Somaaliyaa Magaalaa Moqaadishootti gaggeessan cinaatti dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Hariiroo bu’uuraalee misoomaa, Invastimantii fi daldalaarratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii ibsameera.
Dhimmoota naannawaarratti mari’achuu isaanii himameera.
Alaazar Taaddalaatu gabaase.
#MMItyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.