MM Abiy Ahimad warshaa qorichaa Aljeersitti argamu daawwatan

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)- Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad warshaa qorichaa Saayidaal kan magaalaa Aljeersitti argamu daawwataniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kaleessarraa eegaluun Aljeeriyaatti daawwannaa hojii taasisaa jiru.
Guyyaa har’aas warshaa qorichaa Saayidaal kan magaalaa guddoo biyyattiitti argamu daawwataniiru.
Warshichi erga hundeeffamee waggoota 40 kan lakkoofsise yoo ta’u, gosoota qorichaa 200 oomishaa kan jiru, Afrikaarraa guddina isaatiin kan beekamu ta’uu ibsameera.
Afrikaa qorichaan walitti hidhuuf karoora qabatee hojjechaa jiraachuu hoggantoonni warshichaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiif ibsaniiru.
Warshichi yeroo dhiyootti qoricha gara Ityoophiyaatti erguu kan eegalu ta’uus eerameera.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad daawwannaa hojii taasisaa jiraniin golaambaa Aljeersitti argamu daawwachuun isaanii kan yaadatamudha.
Turtiisaaniin Pireezidaantii biyyattii Abdul Majid Taabunee waliin haala hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti ni mari’atu jedhamee eegama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment