MM Abiy Ahimad Riqicha Laga Abbayyaarratti ijaarramaa jiru daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad magaalaa Bahaar Daaritti haala ijaarsa Riqicha Laga Abbayyaa daawwataniiru.
Riqichichi meetira 380 kan dheeratuu fi meetira 43 bal’ina qaba jedhame.
Ijaarsi riqichichaa bara dhufu ni xumuramaan eegama.
Ijaarsi Proojektichaa yeroo ammaa % 62 irra ga’uu ibsameera.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad sagantaa qaamolee nageenyaaf beekkamtii kennuu mootummaan naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti qopheesserratti argamuun isaanii kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment