Finfinnee, Eebla 23, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Riizoortiin Halaalaa keellaa eebbisiisan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Pirojektii ‘Maaddii Biyyaaf’ eegalchiisan keessaa qaama pirojektichaa kan ta’e Riizoortii Halaalaa Keellaa eebbisiisaniiru.
Riizoortiin kun Pirojektii ‘Maaddiin Biyyaaf’ keessaa qaama pirojektii Kooyishaa yoo ta’u, yeroo waggaa lama hinguunne keessatti ijaarsi isaa xumurameera.
Ijaarsi pirojektichaa ogummaa mana ijaarsaa hawaasa naannichaa teeknooloojii ijaarsa ammayyaan walsimsiisuun bifa hawwataa ta’een ijaaramee tajaajilaaf banaa ta’uu eerameera.
Riizoortichi naannawaa haroo namtolchee maddaa anniisaa humnaa Gibee 3ffaatti waan ijaarameef naannawichaaf miidhagina dabalataa ta’uun ibsameera.
Kutaalee keessummootaa, ciisichaa ammayyaa fi bakkeewwan bashannanaa biroo kan qabuudha.
Ijaarsi riizoortii kanaa hawaasa naannichaaf carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabaatu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.