MM Abiy Ahimad qaamolee Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa karaa nagaa fi milkiin akka xumuramu gumaacha taasiisan galateeffatan

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad qaamolee Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 35ffaan karaa nagaa fi milkiin akka xumuramu gumaacha taasiisan galateeffatan.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa bara kanaa Finfinneetti akka gaggeeffamu murtoo hoggantoonni biyyoota miseensa gamtichaa dabarsaan hordofee yaa’ichi tums obbolamummaa muul’isuurra darbee sagantichi akkaatuma karooraan milkiin gaggeeffamee xumuramuu ibsaniiru.

Yaa’ichaan marii bu’aa qabeessi gaggeeffamuu, murtoon Ardichaaf fayyadan itti darbuu caalaa, tumsi obbolummaa kan itti muul’ate ta’uu eeraniiru.

Hojjettoota Waajjira Gamtichaa yaa’ichi milkiin akka xumuramu si’oominaa hogganan dabalatee qaamolee yaa’ichi milkiin akka xumuramu gumaachan hunda Ityoophiyaan ni galateeffatti jedhan.

Afrikaanoonni ummata Ardii tokkoo, ijoollee dachee tokkoo ta’uu qofa osoo hin taane, seenaan keenya caalmaatti walitti ni hidha,wayita rakkoo fi gammachuu waliin turre gara fuulduraas waliin ceena jechuun ibsaniiru.

Carraan keenya walfakkaatu,madaan tokkoo kan biraaf dhukkubbiidha, bu’uurri michummaa keenyaa faayidaa osoo hin taane obbolummaa dhugaati jedhan.

Yaa’ichi uwwisa akka argatu qindoominni miidiyaaleen uumaan bu’aa qabeessa kan ture ta’uu kaasuu ragaan fuula Feesbuukii isaanirraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment