MM Abiy Ahimad Preezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Oomaar Geelee waliin dhimmoota lameenii fi naannoorratti mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad Preezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Oomaar Geelee waliin dhimmoota lameenii fi naannoorratti mari’ataniiru.

Preezdaant Ismaa’ee Oomaar Geeleen daawwannaa hojii guyyoota lamaaf kaleessa Finfinnee galuun isaanii ni yaadatama.

Preezdaantichi Bulchiinsa nageenya odeeffannoo daawwataniru.

Daawwannaa isaaniitin hoggantoonni biyyoota lamaanii dhimmoota lameenii fui naannawaa  mari’ataniiru.

Itti gaafatamtuun Diijitaal Miidiyaa fi Afaanota Alaa Seekretariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Billanee Siyyuum akka ibsanitti, Hoggantoonni lamaan loojistikii geejjibaa Ityoophiyaa fi Jibuutii, nageenyaa fi tasgabbii akkasumas dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment