MM Abiy Ahimad Preezdaant Siriil Raamaafoosaan Vaayrasii koroonaarraa akka dafanii dandamatan hawwii qaban ibsan

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan Vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii hordofee dhibicharraa  dafanii akka dandamatan hawwii qaban ibsaniiru.

Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa  Siriil Raamaafoosaan vaayrasii Koroonaan qabamuun isaanii kan yaadatamudha.

Preezdaant  Siriil Raamaafoosaan  yeroo ammaa hojii isaanii Ittaanaa isaanii Deeviid Mabuzaatti kennuun ibsameera.

Preezdaantichi biyyoota Afriikaa lixaa kanneen akka Naajeeriyaa, Ayiveerikoost, Gaanaa fi Seenegaalitti daawwannaa hojii taasisanii Roobii darbe gara biyyaatti deebi’uu himameera.

Preezdaanticha dabalatee Jilli isaan dursan hundi bakka daawwannaa hojiif deemanitti qorannoo vaayirasii Koroonaa taasisuun Preezdaantichi yeroo biyyatti deebi’an bu’aan qorannoo isaanii vaayrasichi isaanirratti argamuu ibsamnee ture.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment