MM Abiy Ahimad Pireezidaanti Shii Jiinpiingiif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC)– Muummen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingii irra deebiin Barreessaa Paartii Komunistii Chaayinaa ta’uun filatamuu isaanii ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad akka jedhanitti, irraa deebiin filatamuun pireezidaantichaa hoggansa bu’aa qabeessaa ta’uu kan argisiisuu fi fayyadamummaan ummata Chaayinaa mirkanaa’aa jiraachuuf ragaadha jedhaniiru.

Yeroowwan hoggansa isaanii darbanitti bu’aalee gama diinagdeen argamsiisuu, waltajjiiwwan addunyarratti dhiibbaa uumtummaa Chaayinaa cimsuu, hudhaalee addunyarratti mudatan gama furmaata kennuutiin gumaacha taasisuu ibsan.

Guddina diinagdee Chaayinaa fooyyessuu fi garaagarummaa sadarkaa jireenyaa ummata Chaayina gidduu jiru walmadaalchisuuf tattaaffiin walirraa hincitne taasisan biyyoota guddachaa jiran kanneen akka Ityoophiyaaf fakkeenyaa ta’uu kaasaniiru.

Xiyyeeffannaan paartiin isaanii gama saayinsii, innooveeshinii, teeknoolojiin kenne imala badhaadhinaa damee hedduu Chaayinaaf daandii kan qajeelchedha jedhaniiru.

Ityoophiyaan fayyadamummaa lammiileef gama misoomaa, bulchiinsaa, tajaajilaa ummaataa fi aantummaa hoggansaan paartii Komunistii Chayinaarraa muuxannoo kan qooddattu ta’uu ibsuun, irra deebi’uun barreessaa paartii guddicha addunyaa fi ummataa Chaayinaa ta’uun filatamuutti baga gammaddan jedhaniiru.

Hoggansa Shii Jiinpiing jalatti Chaayinaan ammas michuu cimtuu Ityoophiyaa ta’uu eeruun, dhimmoota ummata keenyaa fayyadanirratti walta’iinsaan ni hojjennas jedhaniiru.

Irraa deebiin filatamuun isaanis hariiroo Paartii Komunistii Chaayinaa fi Paartii Badhaadhinaa caalmaan kan cimsuu ta’uu kan eeran Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, isaaniin dabalatee Paartiin Badhaadhinaa fi hoggansa isaa waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Turtiin hoggansa isaaniis bu’aa qabeessa akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment