Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Pireezidaantii Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Chaarles Miisheel waliin mari’ataniiru.
Muummeen Mginistiraa Abiy Ahimad gamaa miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, yaa’ii Gamtaa Afrikaa cinaatti Chaarlees Miisheel waliin mari’achuutti gammachuu isaanii ibsaniiru.
Marii isaaniinis waliigaltee nageenyaarratti gahee mootummootaa, hojiilee misoomaa fi hariiroo Ityoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa irratti mari’achuu himaniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.