MM Abiy Ahimad Paartileen Obboleeyyanii Sudaan garaagartee jiru mariin akka furan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Eebla 7, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Paartileen Obboleeyyanii Sudaan gochaalee waliitti bu’iinsa babal’isanirraa of qusachuun garaagartee jiru mariin akka furan waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa waldhabdee Paartilee Obboleeyyiin Sudaan gidduutti uumame xiyyeeffannoon hordofaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergaa Afaan Arabaan dabarsaniin eeraniiru.

Paartileen Obboleeyyanii Sudaan gochaalee waliitti bu’iinsa babal’isanirraa of qusachuun gara marii nageenyatti akka deebi’an waamicha dhiyeessaniru.

Paartileen hundi rakkoo jiru mariin furuu akka qaban gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment