Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Somaalee yeroo gababaa keessatti bu’uuraalee misoomaa bal’aa ijaaraa jiru kan dinqisiifatamu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad himan.
Muummeen Ministiraa Abiy Waajjira Pireezidaantii Naannoo Somaalee haareffame daawwataniiru.
Muummeen Ministiraa Jila isaanii waliin daawwannaa naanichatti taasisaniin, Godina Fafenitti oomisha qamadii kilaasataan misoomaa jiru daawwataniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad, waggoottan darban oomishni qonnaa hanga kuntaala miiliyoona 10 akka argamaa ture ibsan.
Barana garuu oomisha naannichaa kuntaala miiliyoona 28’tti guddisuuf sochii taasisaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.