MM Abiy Ahimad muudama Preezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahimmuud irratti argamuuf Moqaadishoo galan

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad muudama Preezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahimmuud irratti argamuuf Somaaliyaa Moqaadishoo galaniiru.

Jilli Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin durfamu fi  Itti aanaa Preezdaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraahi, Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi Preezdaantii Naannoo Somaalee Obbo Muusxafee Muhaammad of keessatti hamate sirna kabaja muudama preezdaantichaarratti hirmaachuuf Somaaliyaa galeera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad sirna kabaja muudamaa Preezdaantii Soomaliyaa Hasan Sheek Mahimmud irratti haasawaa ni taasisu jedhameetu eegama.

Dabalataanis Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Preezdaant Hasa Sheek Mahimmud fi hoggantoota biyyoota biroo saganticharratti hirmaatan waliin marii gamlamee ni taasisu jedhameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment