Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad qaama sochii qonna magaalaa keessaa tokko kan ta’e mooraa waajjira Muummee Ministiraa keessatti qonna boroo raawwatamaa jiru daawwataniiru.
Marii Mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin taasifame hordofee, Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi hirmaattonni marichaa qaama sochii qonnaa magaalaa MM Abiy eegalchiisan keessaa tokko kan ta’ee mooraa waajjira Muummee Ministiraa keessatti qonnaa boroo gamaaggamaniiru.
Qonni boroo iddoowwan gaggeeffamanittis nyaanni horii akkasumas xaa’oon samudaaf kan jajjabeeffamaniidha.
Bishaan qisaasama malee fayyadamu danda’uu, meeshaalee faayidaan ala ta’aan irra deebiin faayidaaf oolchuu fi hanqina bakkaa jiru sirnaan fayyadamuun qonna qotuun akka danda’amu ilaaluun jiraattonni magaalaa qonnaa magaalaa hojiirra akka oolchaniif jajjabeessaadha.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.