MM Abiy Ahimad miseensota hawaasa Ityoophiyaa Waashingitan waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad miseensota hawaasa Ityoophiyaa Waashingitan waliin mari’atan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Yaa’ii Hoggansa Ameerikaa- Afrikaa Cinaatti Ityoophiyaanotaafi dhalattoota Ityoophiyaa Waashingitan jiraatan waliin dhimmoota yeroo biyyaalessaarratti mari’achuu EBCn gabaaseera.

Haala waqtaawaa biyyaarratti mari’ataniiru jedhame.

Hawaasa diyaaspooraa dabalatee gaaffilee lammiileen Ityoophiyaa kaasan hunda deebisuuf waggoota arfan darban riifoormiin Siyaasaa, Diinagdee fi seeraa gaggeeffamuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Rakkoo yeroo ammaa mudates waaraan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hawaasni diyaaspooraa deeggarsa biyyaaf taasiisaa jiran cimsanii akka itti fufu gaaffachuu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment