MM Abiy Ahimad Ministira Alaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Ameerkaa Antooniyoo Biliinkeen waliin mari’ataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Yaa’ii hoggantoota Afrikaa – Ameerikaarratti hirmaachaa jiru.

Yaa’icha cinaatti Ministiraa dhimma alaa biyyattii waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waldhabdeen Kaaba Ityoophiyaa karaa nagaan furmaata akka argatu tattaaffii Ameerikaan taasiisaa turte galateeffataniiru.

Ameerikaan waggoota hedduuf deeggartuu cimtuu Ityoophiyaa ta’uu ishee eeruun, haala deeggarsi kun caalmaatti itti fufuu danda’urratti mari’achuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment