MM Abiy Ahimad mana Kitaabaa Abrihoot eebbisiisaan

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) -Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad mana Kitaabaa Abrihoot eebbisiisuun bananiiru.

Manni Kitaabichaa yeroo tokkotti namoota kuma 2 ol keessummeessuu danda’a jedhame.

Kitaabilee miiliyoona 1.4 ol qabachuu akka danda’us ibsameera.

Suuqiwwan gurgurtaa kitaaboolee 8 kan qabu yoo ta’u,ijaarsi isaa baatiiwwan 18 keessatti xumuramuu ibsameera.

Ijaarsa isaaf Birriin biiliyoonni 1.1 baasii ta’uu fi lafa karee meetira kuma 19 irra qubachuu isaa himameera.

Kitaabilee waraqaa maleessa kuma dhibba 2 fi kuma 40, barreeffamoota qorannoo kuma dhibba 3 kan hammate ta’uu himameera.

Taarikuu Laggasaatu gabeesse.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment