MM Abiy Ahimad Mana Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa Abuu Daabiitti ijaarramaa jiru daawwatan

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Ityoophiyaa Abuu Daabiitti ijaarramaa jiru daawwataniiru.

Ijaara mana Amantichaaf Mootummaan Emireetoota Araba Gamtoomaanii lafa Kaaree Meetira kuma 17 fi 682 laateera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad maqaa ummataa fi mootummaa Ityoophiyaan mootummaa Emireetoota Araba Gamtoomanii galateeffataniiru.

Ayyaanni Cuuphaa iddichatti akka kabajamu qaamolee dhimmi ilaallatu deeggarsa barbaachisu hunda taasiisuu waadaan galamuu ibsaniiru.

Iddooleen akka kanaa seenaa fi Dippiloomaasiif barnoota ta’uu kaasaniiru.

Oolmaan isaan lammiilee Ityoophiyaaf oolaan nutis lammiilee keenyaaf kanaa ol akka oollu nu barsiiseera jedhan fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment