MM Abiy Ahimad maatii hoggantoota biyyoota Afrikaa duraanii tokkummaa Afrikaa fi pan-Afrikaanizimiif gumaachaan badhaasan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad maatii hoggantoota biyyoota Afrikaa duraanii tokkummaa Afrikaa fi pan-Afrikaanizimiif gumaachan 17 badhaasaniiru.

Sagantaan cufiinsa yaa’ii hoggantoota Dargaggoota Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Galma Komishinii Diinagdee Afrikaatti gaggeeffameera.

Cufiinsa saganticharratti kan argaman Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad maatii hoggantoota biyyoota Afrikaa duraanii tokkummaa Afrikaa fi pan-Afrikaanizimiif gumaacha olaanaa taasiisan 17 badhaasaniiru.

Haaluma kanaan maatii:-
1.Atsee Hayilasillaasee
2.Pireezidaantii duraanii Zaambiyaa Keeneet Kaawundaa
3. Pireezidaantii duraanii Taanzaaniyaa Juuliiyes Neereeree
4. Pireezidaantii duraanii Zimbaabuwee Roobarti Mugaabee
5. Mootii duraanii Moorokoo Hasan 2ffaa
6. Pireezidaantii duraanii Giinii Ahimad Seekkuu Turee
7. Pireezidaantii duraanii Maalii Maadiibboo Keeyitaa
8. Pireezidaantii duraanii Kootdivaayeer Filiiks Hoofeet Baayinyii fi
9.Pireezidaantii duraanii Seenegaal Lii’oopoold Seedaar Seengoor kanneen badhaafaman keessaa muraasa ta’uu eerameera.
Yaa’iin Hoggantoota Dargaggoota Afrikaa Waajjirri Muummee Ministiraa fi Ministeerri Dhimma Alaa waloon qopheessaan Onkololeessa 19, 2015 eegalee magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa tureera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment