MM Abiy Ahimad Hospitaala Rifeeraalaa Minilikitti giddugala dhiqaa kalee eebbisan

MM Abiy Ahimad Hospitaala Rifeeraalaa Minilikitti giddugala dhiqaa kalee eebbisan

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Hospitaalaa Rifeeraalaa Minilikitti giddugala dhiqaa kalee eebbisaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, Ityoophiyaatti ga’umsi ogummaa badee waan tureef, waan arguu qabnu utuu hinargiin yeroo dheeraaf turreerra; waan dandeenyuun waan baranneen hundi keenyaa gumaacha taasisuu qabna jedhan haasawaa eebba giddugalichaarratti taasisaniin.

Bulchiinsa Magaala Finfinneef ergama kenname keessaa hojiilee fayyaa babal’isuun tokko ta’uu eeruun, yeroo ammaa hojiilee abdii qabeessa ta’an arguu eegalleera jedhaniiru.

Hospitaalonni qulqulluu fi nama hundaaf mijatoo taasisuu akka qabamuu eeruun, bakkeewwan jireenyaas qulqullina magaalichaa akka miidhagsaniif magariisaa ta’uu qabu jedhaniiru.

Miidhaginaaf, magariisummaa fi qulqullinaarrattis wal haa tumsinuu dhaamaniiru.

Aadde Adaanachi gama isaaniin, bulchiinsi magaalicha waggoottaan lamaan darban lammiilee galii gadaanaa qaban hospitaalota mootummaa hundatti tajaajilli bilisaan kennamaafii turuu kaasanii, waggoota lamaan kanattis hirphi Birrii miiliyoonni 24 taasifamuu himaniiru.

Finfinnee magaalaa tuuriizimii fayyaa taasisuuf dhaabbilee fayyaa ga’umsa qaban ijaaruun tajaajila fayyaa haqa qabeessaa fi madaalawaa kennuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiru.

Giddugalli dhiqaa kalee kun tajaajila hospitaalota mootummaa hundaatti kennamaa ture dachaa shaniin akka guddisu ibsamuu ragaan Waajjiraa Kantiibaa Magaala Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment