Ityoophiyaan sodaa hawaasa idil addunyaaf qaama furmaataa tokko ta’uuf murannoo qabdi- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Ijipititti gaggeeffamaa jiru cinaatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Idil Addunyaa Ijipti magaalaa Shaarm Al-Shakitti gaggeeffamaa jiru cinaatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota Ardii fi idil addunyaarratti mari’achuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan sodaa fi yaadama hawaasa addunyaa kan qooddatu ta’uu himaniiru.

Furmaata rakkichaafis qaama tokko ta’uuf murannoo qabaachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment