MM Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Ijipititti gaggeeffamaa jiru cinaatti hoggantoota biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin mari’atan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Idil Addunyaa Ijipti magaalaa Shaarm Al-Shakitti gaggeeffamaa jiru cinaatti hoggantoota obboleewwan biyyoota Afrikaa waliin dhimmoota waloofi naannawaarratti mari’achuu ibsaniiru.

Rakkoolee Afrikaaf furmaata Afrikaa barbaaduufi Afrikaa cimtuu ijaaruuf waloon hojjechuu itti fufna jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment