Finfinnee, Bitootessa 18, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa boruu gabaasa raawwii hojii mootummaa baatiiwwan 6 darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf kan dhiyeessan ta’uu ibsame.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad walga’ii idilee 11ffaa mana marichaa guyya boruu gaggeeffamuun gabaasa raawwii hojii mootummaa baatiiwwan 6 darbanii kan dhiyeessan ta’uufi gabaasicha hordofee gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennuun kan eegamu ta’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.