Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa ayyaana yaadannoo dhaloota Yesuus Kiristoos ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaana Qillee bara kanaa kan kabajnu barri gadadoo keenyaa xumuramaa, hidhaan rakkoo keenyaa furamaa, maddi rakkina keenyaa akka lammata hin deebinetti wayita gogaa jirutti jedhan.
Ayyaana rakkoo keenya duubatti dhiisnee abdii keenya fuulduratti ilaalaa kabjnudha jedhan.
Dhaloonni Kiristoos jalqabbii abdii haaraa fi labsii bara gaarii ta’uu kaasaniiru.
Guyyaan dhiphinaa darbaa jiraachuun, barri gadadoo xumuramaa dhufuun, dukkanichi ifaan injifatamuu, hidhaan cubbuu raawwatee bilisummaan dhiyaachuun guyyaa itti labsamedha jedhan.
Barri dhaloota Gooftaan Yesuus Kiristoos dura ture bara rakkisaa ta’uu eeraniiru.
Namni qajeelfama uumaa isaa darbuun wanta dhorkame raawwachuu isaatiin abaarsi irratti dhufee Jannataa arii’amee baroonni jiraate sun dhukkana cillimiin kan guutan ture jedhan.
Guyyaan isaa ga’ee Kiristoos Beeteliheemitti yeroo dhalatu barri abaarsa isaa dhiifamatti jijjiiramuun bara dhiifamaa jedhamuu kaasaniiru.
Fayyummaan namaa wayita ulfaa eegale, dhalootarratti labsame, fannoorratti raawwate, du’aa ka’uudhaan xumuramuu fi tokkoon tokkoo boqonnaa qormaataa fi gammachuun darbuu eeraniiru.
Dhalachuun Kiristoos yeroon dhiifamaa dhiyaachuu malee wanti hundi xumuramuu hin labsine jedhan ergaa isaaniin.
Guyyaan fannifamuu isaa ga’ee Addaam gabrummaa seexanaa fi waanjoo cubbuu jalaa hanga bilisa ba’etti karicharra bu’aa ba’ii hedduun mudateera. Labsii du’aa Heeroodis, baqannaa, rakkina, beelli fi dheebuun tureera jedhan.
Seexanni Addaamiin hanga xumuraatti uumaasaarraa addaan kutee jiraachisuuf guyyaa dhalootaa isaarraa kaasee hanga fannootti shirri inni hin xaxne hin jiru jedhan.
Ergamtoota isaa bobbaase hedduun dhugaa waliin akka hin dhaabbanne taasiseera, Soba oomishuun maqaa Kiristoos akka xureessan godheera, hedduun gara kiristoos akka hin deemne doorsiseera, gara kiristoos warren dhufaniin dhiisaa deemaa jedheera jedhan.
Ergamtoota dabalatee maallaqaan goyyoomsuun akka kiristoosiin ganan taasiseera jedhan.
Diinonni alaa Roomaanonnii fi diinonni keessaa gantoonni Yihuudota waliin tokko ta’uun Kiristoosiin arii’uu eeraniiru.
Diinonni Ityoophiyaas abdii keenya dhalachuuf jedhu gatachiisuuf waggoottaniif qabsaa’aniiru jedhan.
Wayita ulfaa’uu gatachiisuuf yaalanii turan. Dhalachuu isaa wayita baran dabni jarri hin hojjenne hin jirre ta’uu kaasaniiru.
Uummata walitti buusaa, lammiilee nagaa buqqaasaa fi daa’immanii hanga maanguddootaa kan argan mara hiraarsaa fi ajjeesaa turuu eeraniiru.
Guyyaan fayyinaa biyya keenyaa waan hin dhufne hanga fakkaatutti rakkoon keenya heddummatee mul’ateera. Warreen akka Heeredoos abdii keenya dukkaneessuuf humna qabaniin qabsaa’aniiru jedhan.
Tokkummaa keenya diiguuf wal tumsaniiru, biyya keenya bittimsuuf hanga sii’olitti bu’uuf waadaa waliif galaniiru jedhaniiru.
Ityoophiyaan qorumsa sana hunda keessa darbuun as ga’uu kaasaniiru.
Ulfi jijjiiramaa dhalatee guddachaa jiraachuu fi Ityoophiyaan dhagaawwan itti darbatamaniin riqichoota ijaaraa jiraachuu eeraniiru.
Jaallatamtoota lammiilee.
guyyoota dhala namaaf hedduu murteessaa ta’an lamaa keessaa, namni guyyaa itti dhalatee fi maaliif akka dhalatee guyyaa itti beekeedha jedhama.
hundi keenyaa kayyoo malee hin dhalannee.dhimmi aangafoota keenyaa isiin jechisiisuu maaliif akka dhalataan beekameeti.Ityoophiyaanoota taanee dhalachuun keenyaa sabaaba malee akka hin taanee hubannee biyya keenyaa hirkattuummaarra oolchuun, Ityoophiyaan gama hundaa of dandeessee akka dhaabbatuu taasisuun.wanta bu’aa qabeessaa ta’ee hojjennee darbuu qabna jedhan.
Kanaaf ammoo yeroon ammaarra fooya’aan hin jiru.yeroon amma irratti argamnu qabsoo cululuqaa dhaloota dhalootaatti dabarsinuudha, yeroo murteessaa seenaa boonsaa galmeessuu qabnudha jedhaniiru.
Guyyaan Ityoophiyaaf bari’uu eegalee, bariin ishee iftee muul’achuuf dukkanaa waliin falmiirra jirti. Yeroo kanatti hundi keenyaa hanga dandeetti keenyaa hojjechuu yoo dandeenyee, shakki tokko malee Ityoophiyaaf boruu ni bari’a jedhan Muummeen Ministira Abiy Ahimad.
Guyyaan dararamaa hanga dhumaati ni darbaa, Ityoophiyaaniis kan hin tuqamnee fi sodaatamtu taatee ni dhaabbatti jedhaniiru.
Ityoophiyaa tajaajiluuf wayita kaanuu wanti hubachuu qabnu.kayyoon galaafannee hanga kamillee guddaa fi eebbifamaa ta’uus, kabaja yoo hin qabannee hiikaa hin qabu.
Galmoonni gurguddoon raawwiisaanii qofaa osoo hin taanee jajjaboo fi dinqisiisoodhaa.dhaloonni Yesuus Kiristoos kan agarsiisuus kanumaadha jedhaniiru.
Addunyaa fayyisuuf Waaqqayyoo ilma isaa tokkichaa gara addunyaatti wayita ergu, gurguddootarra, tiksoota,bebbeekamtoorraa dalla horii, masaraa motummaa fi iddoowwan faayamaniirra dallaa horii filateera.addunyaa fayyisuuf hojii guddaan kabajaan raawwatame.galmoonni gurguddooniis kabajaan eegalamanii kabajaan akka xumuramaan Fayyisaan Addunyaa Kiristoots nu barsiiseera jedhan erga isaaniin.
Guyyaan dhaloota kiristoos amantoota kiristaanaa biratti bifaa dhiifama ta’ee ni yaadatama jedhaniiru.
Dhiibbaa Seexanaatin seeraa kan cabsee, yakka kan raawwatee Addaam ta’e osoo jiru ilmasaa dabarsee kan laatee garuu waaqayyoodha. Addaamiin fayyiisuuf waanjoo cubbuu jala baasuuf kiristoos nama ta’ee foniin uffatee dhalachuusaatiin kabajasaatuu dabalee malee hin hanqannee jedha.
Gareen shororkeessaa ABUT raayyaa ittisa biyyarratti haleellaan raawwatee waggaa tokko darbe keessaatti walitti bu’iinsa dabalatee sababoota biraatiin yakka biyyattirratti raawwatamee diiguuf araarrii nageenyaa biyyaa keenyaa ni barbaachisa jedhaniiru erga isaaniin.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.